Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794

Heera Mootummaa FDRI bara 1987 bahee hojiirra oole keewwata 78(3) jalatti Naannooleen Mana Murtii Waliigalaa, Ol’aanaa fi Sadarkaa Duraa Naannoo isaanii hundeeffachuu akka qaban tumeera. Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 1987 bahes Mana Murtii Waliigalaa, Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalee fi Manneen Murtii Aanaalee heerichaan akka hundaa’an tumeera.

Labsiileen hundeeffama Manneen Murtii yeroodhaa gara yerootti haala jijjiirama yeroo waliin wal simuun fooyya’aa akka deeman ta’eera. Haaluma kanaan hojiirra kan ture labsiin lakk. 141/2000 bara 2011 keessa labsii lakk. 216/2011’n akka bakka bu’u ta’eera. Labsiin lakk.216/2011 kun aangoon abbaa seerummaa Manneen Murtii Aanaalee akka ol ka’u gochuun uummanni tajaajila abbaa seerummaa bakka jiraatu irraa osoo hin fagaatin akka argatu kan dandeessisee dha. Kanaan gamattis tajaajilli abbaa seerummaa kallattii qulqullina, dhaqqabamummaa, si’aayinaa fi gama hundaan bu’a qabeessa akka ta’u haala dandeessisuun qophaa’ee kan hojiirra oole dha. 

Akkasummas yeroo walfakkaataaf hojiirra kan ture labsiin 142/2011 labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa (217/2011) tiin bakka bu’ee bulchiinsa Manneen Murtii bilisaa fi gaggeessummaa kennamu ilaalchisee bifa haaraan aangoo bulchiinsaa Manneen Murtii gara jalaatti kan gadi buusee fi sirna itti gaafatamummaas ta’e bulchiinsa waliigalaa Manneen Murtii ilaallatu keessa deebiin fooyya’ee akka bahu taasifameera.

Manneen Murtii Magaalaa Shaggariis Labsii 216/2011 fi dambii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hundeessuuf bahe Lakk. 233/215 Kewwata 10 (2) fi (3) Gurmaa’iinsa qaamoolee mootummaa bulchiinsa Magaalichaatiin Mana Murtii Aangoo Abbaa Seerummaa qabu ta’e Sadarkaa Magaalaatti Mana Murtii Ol’aanaa tokko Sadarkaa Kutaalee Magaalaatti Manneen Murtii Aanaalee 12 fi Mana Murtii Aanaa Magaalaa Finfinnee Aangoo dantaa mootummaa naannoo Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti qabu ilaaluu hundeessuun tajaajila abbaa seerummaa kennaa