Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee
Obbo Beenyaa Hingaabbuu
Mannii Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee hundeefamee hojii isaa kan Eegale Adoolessaa 10 Bara 2015 yoo ta’u mannii Murtii Kun erga hunda’ee umrii waggaa lama kana keessatti taajajila abbaa seerummaa qulqulluu ,si’aataa , dhaqabamaa ta’e fi Ergama ,Mul’ataa fi Duudhaa Mannii Murtii Waliigala Oromiyaa baafatee ittin hojjechaa jiru offitti fudhachudhan akkuma Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa kamiyyuu hojjechaa kan jiru fi karoora BIX baafachuun bu’aa waliigalaa tokkoo, bu’aa g/galeessaa afur fi bu’aalee battalaa 16 jiran jalatti Agarsiistuwwan hunda milkeessuuf hanga bara kanatti hojiileen hedduun hojjetamaa turan. Bu’aa argamee kanaanis Bara jalqabatti Kutaalee Magaalaa Shaggar qabdu 12 keessaa raawwii hojiitin Sad.3ffaa ba’un geebbaa fi Waraqaa ragaa kan badhaafame yoo ta’u , bara 2017 kanas immoo akka waliigalatti raawwii hojii isaatiin Kutaalee Magaalaa kanneen keessaa Sad.1ffaa ba’un Badhaafama Geebbaa fi waraqaa ragaa argatee jira.
Waa’ee Mana Murtii Aanichaa
Mul'ata Manni murtii qabatee deemu galmaan gahuuf tokko tokkoon hojjetaa mana murtii sanaa mul'aticha qixuma diriireen beekee qixuma sanaan hojjechuu qaba. Kun immoo kan milkaayuu danda'u Hoogansi Mana murtichaa Mul'aticha hanbifannaa tokko malee hubatee hojjettoota Mana murtichaa hubachiisee, qixuma sanaan yoo hojjetee hojjechiise qofadha.