Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794

Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa

Image

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa

Obbo Abbiyyee Fiixee Mirkanaa

Manni Murtii Aanaa kutaa Magaalaa Galaan Guddaa akkaataa Dambii Lakk.233/15 tiin hundeeffama Magaalaa Shaggariin wal qabatee bara 2015 keessa hundeeffamuun Waxabajjii bultii11/2015 irraa eegalee hojii kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu eegalee jira.

Manni Murtii kun jalqaba yeroo hundeeffamu humna namaa Pirezedaantii tokko, Abbootii Seeraa nama 5(shan) , O/seeraa namoota 7(torba),abukaatoo ittisa 1(tokko) fi Hojjettootaa Bulchiinsaa namoota 16(kudha jaha ) walumaagala namoota  30 (soddomaa)tiin hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu kan eegalee yoo ta’u, bara 2016 keessa humna namaa gama Hojjettoota Bulchiinsaa qacarrii fi jijjiirraadhaan guuttachaa dhufee jira. Bara baajataa 2018 keessas humna namaa Pirezedaantii tokko, Abbootii Seeraa namoota 4(afur) , O/Seeraa namoota 5(shan) Abukaattoo Ittisaa tokkoo fi Hojjettoota Bulchiinsaa (Siivil Sarvaantii) 18(kudha saddeet) waliigala namoota  29(digdamii sagal) taanee hojjechaa jirra. 

Haaluma kanaan bara 2016 keessa dhimmoonni  Mana Murtii keenyatti dhiyaatan 1609(kuma tokkoo fi dhibba jahaa fi sagal) kana keessaa dhimmoota 1534(kuma tokkoo fi dhibba shanii fi soddomii afur)  furmaata kennuun dhibbeentaa 95.33 raawwachuun danda’amee jira.

 Bara 2017 keessas humna namaa walfakkaataan tajaajila kennaa kan jirru yoo ta’u, bara kana keessa hanga Waxabajjii, 06/2017tti dhimmoonni 1968(kuma tokkoo fi dhiba sagali fi jaatamii saddeet) dhiyaatanii dhimmootaa 1905(kuma tokkoof dhibba sagalii fi shan) ta’aniif furmaata kennuun dhibbeentaa 96.79 raawwachuun danda’amee jira.

Qabannaa ragaan wal qabatee galmeen Mana Murtii keenyaatti dhiyaatan hunda “Iskaan”gochuun ragaa isaa gara soofti koopiitti jijjiirruun qabachaa kan jiruu yoo ta’u ragaa kana DMS Mana Murtii Waliigala Oromiyaa irratti fe’uun teechisaa jirra.

Baayi’ina dhimmoonni Mana Murtii keenyatti dhiyaachaa jiranii yoo ilaallu bara 2016 keessa dhimmoonni  1609 dhiyaatanii dhimmoota 1534 furmaata argatanii jiru. Bara 2017 keessa ammo dhimmoonni 1968 dhiyaatanii kana keessaa dhimmoonni 1905  ta’an furmaata argatanii jiru. Haala kanaan garaagarummaa bara lamaanii wal bira qabnee yoo ilaallu kan bara darbee irraa lakkoofsaan dhimmoota 359 dabalee jira. Raawwii dhimmootaa kan bara lamaaniis yoo wal bira qabnee ilaallee bara 2017 kana  bara 2016 irraa dhibbeentaa  1.46 caalmaa raawwannee jirra.

Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa keenya keessatti Qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’aa Qabeessuummaa tajaajila abbaa seerummaa dabaluuf hojjechaa kan jirru yoo ta’u, tajaajila keenya daran Qulqulluu, Dhaqqabamaa, Si’ataa fi Bu’a Qabeessa taasisuuf tekinoolojiitti fayyadamne hojjechaa kan jirruudha. Haaluma kanaan dhimmoota Mana Murtii keenyatti murtii argatanii ol’iyyannoon Mana Murtii ol’iyyannoo dhagahutti ergamu irratti e-filing fayyadamuun abbaa dhimmaaf ol’iyyannoo ergaa kan jirru yoo ta’u, abbaan dhimmaa bu’aa komii ol’iyyannoo isaa dhaga’uuf Mana Murtii Ol’iyyannoo ilaalu deemuun osoo hin barbaachisne Dhaddacha viidiyoo Koonfiraansii qopheessuun tajaajila kennaa jirra. Haala kanaan ammoo baasii abbootiin dhimmaa keenya baasuu malan kan irraa hir’isne yoo ta’u, yeroo/sa’aatii/ abbaa dhimmaa jalaa qisaasamullee hambisuun danda’amee jira. Tajaajila kenninu waraqa maleessa (paperless Court) taasisuuf Karoorri qabamee itti deemamaa kan ture yoo ta’u Moosaajii haaraa Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar qorachiisee hojii irra oolchetti fayyadamuun akka Mana Murtii keenyaatti tajaajila ittiin kennuu eegallee waan jirruuf bara dhufu keessatti Kenniinsa tajaajila Abbaa seerummaa keenya guutummaatti waraqa maleessaa (paperless Court) taasisuuf hojjechaa jirra.

Tajaajila kenninu irratti itti quufinsa abbootii dhimmaa Mana Murtii keenya dhufanii yeroo yeroon kan gaggeesisinu yoo ta’u, xiinxala gaggeeffameen bara 2016 dhibbeentaa 75,bara 2017 dhibbeentaa 88% tajaajila keenya irratti itti quufinsa kan qaban ta’uu yoo nuuf ibsan dhibbeentaan 12% ammoo itti quufinsa kan hin qabne ta’uu ibsanii jiru. Sadarkaan itti quufinsa keenyaa sadarkaa gaarii irra kan jiru ta’us gara fuula duraatti kana caalaa dabaluuf cimnee hojjenna.

Waa’ee Mana Murtii Aanichaa

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Furii

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa hundeeffama Magaalaa Shaggar waliin wal-qabatee hundaa’uun baatii Waxabbajjii bara 2015 irraa eegalee hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu eegalee jira. Haaluma kanaan Manni Murtii keenya karoora Manneen Murtii Orimiyaa, Mana Murtii Waliigala Oromiyaan qophaa’an irratti hundaa’uun karooraa ofii qopheeffachuun hojjechaa kan jiruudha. Hojiiwwaan karoorfaman kana keessatti tajaajilli kennamu qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa akka ta’u taasisuun hojii isa bu’uuraati.Haaluma kanaan bu’aawaan giddu galaa arfan “Qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’a Qabeessummaa Tajaajila Abbaa Seerummaa, Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaa fi Gaarummaa Bulchiinsa keessoo mirkaneessuuf karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa qabannee hojjechaa jirra.Bu’aawwan eeggaman kana keessa qulqullinni tajaajila abbaa seerummaa dhibbeentaa guddaa kan qabatu ta’ee abbootiin seeraa Mana Murtii keenyaa qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf dhimmoota walfakkaataa irratti murtii walfakkaataa kennuu qabu. Kanaaf ammoo seerota falmisiisoo ta’an irratti mari’achuun ejjennoo walfakkaataa qabachuu, murtiiwwan dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Mana Murtii Waliigala Federaalaatti fayyadamuun murtii kennuudha. Dabalataanis falmii bitaaf mirga gidduutti ka’u irratti Madaalamummaa Adeemsa falmii yoo eegan qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa mirkaneessuun ni danda’ama.Dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuu keessatti teekinooloojiitti fayyadamuun baasii abbaa dhimmaa xiqqeessuu fi yeroo qusachuuf kan hojjennudha. Haala kanaan abbootiin dhimmaa tajaajila teekinooloojiin kennamutti fayyadamuuf teekinoloojiin wal baruu aadeeffachuu qabu.

Gama biraan ammoo Manni Murtii Aadaa dhimmoota dhiyaataniif ariitiidhaan ilaaluun araaraan waan xumuramuuf namoota wal-dhabdee qaban irraa baasii ni hir’isa, yeroo gabaabaa keessatti furmaata waan argatuuf yeroo abbaa dhimmaas ni qusata. Kanaaf abbootiin dhimmaa wal-dhabdee isaanii gama Mana Murtii Aadaan yoo xumuratan kan jajjabeeffamuudha. Walumaagalatti Manni Murtii keenya Bilisummaa isaa eeggatee gaarummaa bulchiinsa Keessoo horachuun kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’aa qabeessa taasisuun itti quufinsa abbaa dhimmaa dabaluun amantaa uummataa horachuuf ni hojjenna.

Visit Our Facebook Page