Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794

I. Ergama

Ergamni waloo Manneen Murtii Magaalaa Shaggar kun akkuma eegametti ta’ee:

Manni Murtii Ol’aanaa bu’uuraan Mana Murtii ol’iyyannoo ta’ee, hir’ina yookiin dogongora seeraa yookiin ijoo dubbii, walumatti hir’ina murtiin Mana Murtii jalaa qabu ol’iyyannoodhaan dhagahee sirreessuu;

Manni Murtii Aanaa Mana Murtii sadarkaa jalqabaa ta’ee, dhimmoota gaaffiin abbaa seerummaa itti gaafatame ofitti fuudhee sadarkaa jalqabaatiin ilaalee murtii kennuu dha.

II. Mul’ata

Bara 2022tti Mana Murtii Seera Hiikuun Haqaa fi Ol’aantummaa Seeraa Mirkaneessee Amantaa Horatee Biyyaa Keenya Keessatti Fakkeenya Ta’e Arguu;

III. Duudhaalee

  • Bilisummaa fi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa /judicial independence and accountability/
  • Beekumsaa fi Gahumsa /knowledge and competence/
  • Miira tajaajiltummaa /sense of stewardship/
  • Iftoomina /transparency/
  • Fayyalummaa /Propriety/
  • Al-loogummaa fi wal-qixxummaa /Impartiality and equality/