Kabajamtoota Uummata naannoo keenyaa, qaamolee haqaa fi qooda fudhattoota hundaaf,
Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar, angoo seera hiikuu heeraan kennameef bu’uureffachuun tajaajila abbaa seerummaa seera irratti hundaa’e kennaa kan ture yoo ta’u, tajaajila abbaa seerummaa abbaan dhimmaa qaamaan mana murtiitti dhiyaatee tajaajilamaa ture kanas daran dhaqqabamaa fi si’ataa taasisuuf rifoormiiwwan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin diriire moosaajii Court Automation System (CAS) fayyadamuudhaan galmeen ol iyyannoo mana murtii sadarkaa jalqabaatiin murtii kenne irraa gareen komii qabu karaa sirna electronic filing(e-filing) tiin mana murtii dhimma isaa jalqaba ilaalee murtii kenne irraa komii ol iyyannoo mana murtii ol iyyata dhagahu biratti dhiyeeffatee qaamaan mana murtii osoo hin dhiyaatiin karaa Viidiyoo Konfiraansiitiin tajaajilli kennamaa turee jira.
Bara kana immoo manni murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar moosaajii Shagar e-court system jedhamu dhaabbata CYBER Software jedhamu waliin ta’uudhaan moosaajii nageenyummaan isaa dhaabbata Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (Information Network Security Agency (INSA)dhaan mirkanaa’e misoomsuudhaan tajaajila abbaa seerummaa Manneen murtii Magaalaa Shaggar sadarkaa lamaanittuu kennamu guutummaatti Sirna falmii elektiroonikaatti ceesisuun hojii keessa galee jira. Moosaajii shagar E-court jedhamu kun abbaan dhimmaa, Abukaattonni dhuunfaa fi qaamoleen haqaa biroo dhimma isaanii mana murtiitti yoo dhiyeeffatan karaa Poortaalii fayyadamuudhaan Mana isaanii yookiin Waajira dhuunfaa isaanii taa’anii iyyannoo, himannaa, deebii, waliigalatti tajaajila abbaa seerummaa barbaadan hunda karaa moosaajii shager e-court tiin ergatanii, kaffaltiiwwan tajaajila abbaa seerummaa karaa Tele birr moosaajicha waliin wal qabatee jiruutiin raawwachuudhaan bakkuma jiran taa’anii tajaajila abbaa seerummaa guutuu argachuu kan isaan dandeessisu yoo ta’u, moosaajiin kun baasii fi dhamaatii abbaa dhimmaa kan xiqqeessu qofaa osoo hin taane, dhaqqabamummaa fi si’aayina akkasumas iftoominaa fi itti gaafatamummaa kenninsa tajaajila abbaa seerummaa daran akka dabalu taasisee jira.
Manni murtii olaanaa magaalaa shaggar yeroo ammaa kana immoo Marsariitii (website) mataa isaa banatee kan jiru yoo ta’u, odeeffannoowwanii fi kenna tajaajila abbaa seerummaa manneen murtichaa haala dhaqqabamaa fi si’ataa ta’een kennuuf daran hawaasatti dhiyaachuusaa yoon ibsu gammachuu guddaadhaani.
Manneen murtii keenya imaanaa uummataa fi heera mootummaatiin tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu fi si’ataa kan seera qofa irratti hundaa’e kennuuf dirqama isaanitti kenname bahachuuf yoomiyyuu caalaa ciminaan hojjechaa kan jiran yoo ta’u, weebsaayitiin kun banamuun hawaasni keenya dhimma isaanii haala salphaa fi eessattuu dhaqqabamaa ta’een hordofachuu fi odeeffannoo wayitaawaa argachuuf kan tajaajilu waan ta’eef akka dhimma itti bahan jechaa, qaamolee fi qooda fudhattoota hojiin kun akka milkaa’u taasisan hunda galatoomaa jechuu barnaanna.
Haqaaf, haqaan hojjenna !
Kumalaa Buusaa Fedhasaa
Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar
Onkololeessa bara 2018