Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa
Mana Murtii Aanaa Magaalaa Finfinnee
Aade Wasanee Kumalchaa
Ergaa Pirezedantii Mana Murtii Aanaa Magaalaa Finfinnee
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Finfinnee bu’ura labsii Manneen Murtii Oromiyaa lakk 216/2011 keewwata 24(4) tiin caamsaa 17 bara 2013 hundeeffamee hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu eegalee ammaas ittuma jira. Haaluma kanaan Manni Murtii keenya karoora Manneen Murtii Oromiyaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaan qophaa’an irratti hundaa’uun karooraa ofii qopheeffachuun hojjechaa kan jirudha. Hojiiwwan karoorfaman kana keessatti tajaajilli kennamu qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa akka ta’uu taasisuun hojii isa bu’uuraati.
Manni Murtii keenya Bilisummaa isaa eeggatee gaarummaa bulchiinsa Keessoo horachuun kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa taasisuun itti quufinsa abbaa dhimmaa dabaluun amantaa uummataa horachuuf hojjecha jira.
Wasanee Kumalchaa
Finfinnee.
Waa’ee Mana Murtii Aanichaa
Seenaa Mana Murtii Keenyaa
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Finfinnee bu’ura labsii Manneen Murtii Oromiyaa lakk 216/2011 keewwata 24(4) tiin Magaala Finfinnee keessatti dhimmoota dantaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan walqabatan irratti aangoo abbaa seerummaa qabachuun caamsaa 17 bara 2013 hundeffamee yeroo kana irraa egaalee hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennaa jira.
Manni Murtii kun jalqaba yeroo hundeeffamu humna namaa ergisaadhan Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa shaggar ammaa yookiin MMOGAONF yeroo sana irraa ergisaan fudhachuun hojii eegale.Bara 2014 keessa humna namaa Pirezedaantii tokko, Abbootii Seeraa nama 3, O/seeraa namoota lama, Abukaattoo Ittisaa tokko fi Hojjettootaa Bulchiinsaa namoota 17 humna namaa gama Hojjettoota Bulchiinsaa qacarrii fi jijjiirraadhaan guuttachuun hojjachaa ture. Bara 2015 ji’a amajjii kessaas humna namaa gama hojjatoota bulchinsaan hanga tokko dabalatera.Yeroo ammaa kanatti humna namaa Pirezedaantii, Abbootii Seeraa namoota lama, O/Seeraa namoota lama, Abukaattoo Ittisaa tokkoo fi Hojjettoota Bulchiinsaa (Siivil Sarvaantii) 16 waliigala namoota 22 kan qabudha.
Hundeeffama isa irraa eegalee Magaalaa Finfinnee keessatti dhimmotaa daantaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan walqabatan ofitti fudhuun ilaalee murtii kennaa kan ture yoo ta’u yeroodha gara yerootti dhimmoonni dhiyaatan dabalaa dhufaniru. Haaluma kanaan bara 2016 keessa dhimmoonni 143 Mana Murtii keenyatti dhiyaatan kana keessaa dhimmoota 140 furmaata kennuun dhibbeentaa 97.90% raawwachuun danda’amee jira. Bara 2017 keessas hanga Waxabajjii, 05/2017tti dhimmoonni 246 dhiyaatanii dhimmootaa 240 ta’aniif furmaata kennuun dhibbeentaa 97.56% raawwachuun danda’amee jira. Qabannaa ragaan wal qabatee galmeen Mana Murtii keenyaatti dhiyaatan hunda “Iskaan”gochuun ragaa isaa gara soofti koopiitti jijjiirruun qabachaa kan jiruu yoo ta’u ragaa kana DMS Mana Murtii Waliigala Oromiyaa irratti fe’uun teechisaa jirra.
Baayi’ina dhimmoonni Mana Murtii keenyatti dhiyaachaa jiranii yoo ilaallu bara 2016 keessa dhimmoonni 143 dhiyaatanii dhimmoota 140 furmaata argatanii jiru. Bara 2017 keessa ammo dhimmoonni 246 dhiyaatanii kana keessaa dhimmoonni 240 ta’an furmaata argatanii jiru. Haala kanaan garaagarummaa bara lamaanii wal bira qabnee yoo ilaallu kan bara darbee dachaan dabalee jira.
Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa keenya keessatti Qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’aa Qabeessuummaa tajaajila abbaa seerummaa dabaluuf hojjechaa kan jirru yoo ta’u, tajaajila keenya daran Qulqulluu, Dhaqqabamaa, Si’ataa fi Bu’a Qabeessa taasisuuf tekinoolojiitti fayyadamne hojjechaa kan jirrudha. Haaluma kanaan dhimmoota Mana Murtii keenyatti murtii argatanii ol’iyyannoon Mana Murtii ol’iyyannoo dhagahutti ergamu irratti e-filing fayyadamuun abbaa dhimmaaf ol’iyyannoo ergaa kan jirru yoo ta’u, abbaan dhimmaa bu’aa komii ol’iyyannoo isaa dhaga’uuf Mana Murtii Ol’iyyannoo ilaalu deemuun osoo hin barbaachisne Dhaddacha viidiyoo Koonfiraansii qopheessuun tajaajila kennaa jirra. Haala kanaan ammoo baasii abbootiin dhimmaa keenya baasuu malan kan irraa hir’isne yoo ta’u, yeroo/sa’aatii/ abbaa dhimmaa jalaa qisaasamullee hambisuun danda’amee jira. Tajaajila kenninu waraqa maleessa (paperless Court) taasisuuf Karoorri qabamee itti deemamaa kan ture yoo ta’u Moosaajii haaraa Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar qorachiisee hojii irra olchetti fayyadamuun akka Mana Murtii keenyaatti tajaajila ittiin kennuu eegallee waan jirruuf bara kana keessatti Kenniinsa tajaajila Abbaa seerummaa keenya guutummaatti waraqa maleessaa (paperless Court) taasisuuf hojjechaa jirra.
Tajaajila kenninu irratti itti quufinsa abbootii dhimmaa Mana Murtii keenya dhufanii yeroo yeroon kan safarru yoo ta’u, Sadarkaan itti quufinsa abbootii dhimmaa keenyaa sadarkaa gaarii irra kan jiru ta’us gara fuula duraatti kana caalaa dabaluuf cimnee hojjenna.
Galatoomaa.