Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo
Obbo Alamaayoo Gonfaa Prezidaantii Mana Murtii Anichaa
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo hundeeffama Magaalaa Shaggar hordofuun dhuma bara 2015 keessa waajjira kireeffachuun Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Noonnoo keessatti humna namaa fi leecalloowwan muraasa Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Buraayyuu irraa qoodachuun,akkasumas deeggarsa muraasa abbootii qabeenyaa irraa argachuun,Pirezidaantii 1,Abbootii Seeraa 5,Oofseerota Seeraa 6 fi Hojjettoota Bulchiinsaa 8 waliigalatti hojjettoota 20 haammachuun mul’ata ’’Mana Murtii seera hiikuun olaantummaa seeraa mirkaneessee amantaa uummataa horachuun bara 2022tti biyya keenya keessatti fakkeenya ta’ee mul’achuu’’ jedhu,ergama ’’Tajaajila abbaa seerummaa heeraa fi seera irratti hundaa’e qulqulluu,si’aawaa,bilisummaa fi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa dhaqqabamaa fi loogii maleessa ta’e gahumsaan,iftoominaa fi bilisummaan kennuu’’ jedhuu fi duudhaalee saddeettan Manneen Murtii Oromiyaa galmaan gahuuf karoora manaa,garee fi dhuunfaa baafachuun,akkasumas dhaddachoota yakkaa,Hariiroo Hawaasaa fi Maatii gurmeessuun hojii isaa kan eegale yoo ta’u,Manni Murtii kun waajjira mataa isaa kan hin qabne,hanqina baajataa fi rakkoo humna namaa qabaatus waajjiruma kireeffate keessatti,baajatuma ramadamuuf qisaasama tokko malee fayyadamuun hojjettoota qabu sirnaan qindeessee hojii idilee isaanii cinaatti hojii dabalataa kennuun bara baajataa 2016 fi bara baajataa 2017 keessa Tajaajila Abbaa Seerummaa qulqulluu,dhaqqabamaa fi Si’ataa ta’e kennuun raawwii hojii gaarii galmeessisuun baroota kana lamaanuu keessa Manneen Murtii Magaalaa Shaggar keessaa sadarkaa 3ffaa bahuun kan badhaafame yoo ta’u,Manni Murtii kun ammatti pirezidaantii 1,Abbootii Seeraa 5,Oofseera Seeraa 6,Abukaatoo Ittisaa 1 fi Hojjettoota Bulchiinsaa 16 waliigalatti hojjettoota 29 haammachuun mul’ata,ergamaa fi duudhaalee seeraan itti kenname sirnaan bahachaa jira.
Waa’ee Mana Murtii Aanichaa
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Mana Murtii mul’ataa fi ergama seeraan itti kenname galmaan gahuuf duudhaalee Mana Murtii saddeettan qabatee hojiiwwan baay’ee karoorsee hojjechaa kan turee fi ammas hojjechaa kan jiru yoo ta’u Manni Murtii kun hanqina baajataa,hanqina humna namaa fi rakkoo waajjiraa qabu keessaa bahuun ergama,mul’ataa fi duudhaalee qabate milkeessuuf ciminaan kan hojjechaa jiru yoo ta’u,tajaajilli abbaa seerummaa kennamu qulqulluu,dhaqqabamaa,si’ataa fi teekinoloojiidhaan kan deeggarame akka ta’uuf,hunda caala ammoo moosaajii haaraa Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar diriirsaa jiru hojiitti hiikuuf,walumaagalatti Mana Murtii roga hundaan milkaa’uu fi muuxannoon irraa horatamu akka ta’uuf,hojiiwwan kanaan dura hojjetamaa turan caalatti milkeessuuf roga hundaan karoorsee ciminaan hojjechaa jira.