Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794

Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa

Image

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sulultaa

Obbo Sanyii H/Mikaa'el Baay'isaa

Ergaa Gababaa:-

‎"Manni murtii keenya Mul’ata seera hiikun haqaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessee amantaa uummataa horachuun biyya keenya keessatti fakkeenya ta’e arguuf ergama isaa bu'uura Labsii Gurmaa’insa, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe Lakk.216/2011 Kew.23(2)(c) tiin Mana Murtii sadarkaa jalqabaa ta’ee, dhimmoota abbaan seerummaa itti gaafatame ofitti fuudhee sadarkaa jalqabaatiin ilaalee murtii kennuuf kan hojjatudha. Haaluma kanaan mul'ata fi ergama mana murtii keenyaa karaa bu'aa qabeessa ta'een hojiirra oolchuuf karoora bu'aa irratti xiyyeefate(KBIX) baafachuun bu'aa Teekinolojii jaarraa kanaa kan ta'e Moosajii haaraa (Shegger E-Court System) jedhamu Mana Murtii Ol'aanaa Magaala Shaggariin Misoomeen deeggaramne tajaajila Abbaa seerummaa guutummaan dijiitaalessuun  Kenniinsi tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu,si'ataa fi dhaqabamaa ta'e hawaasa keenya biraan gahuudhaaf  xiyyeeffannoo Ol'aanaa kennuun kan hojjannu ta'u dhaamsa koon dabarsuu barbaada".

‎Horaa Bulaa

‎Sanyii H/Mikaa'el Baay'isaa

‎Pirezdaantii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sululta

Waa’ee Mana Murtii Aanichaa

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Furii

Seena Hundeeffama  MMAKMSulultaa

‎Manni Murtii Aanaa kutaa Magaalaa Sulultaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti Mana Murtii Aanaa Sulultaa jalatti dhaddachaa dhabbiin tajaajilaa kenna kan turee yoo ta’u   Bara 2010 Mana Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaa ta’e hundeeffame  aangoo seera hiikuu kennameef bu’uureffachuun Tajaajila Abbaa Seerummaa Si’ataa, Dhaqqabamaa fi qulqullina qabu kennuu fi sirna haqaa cimsuun ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti gahee Mana Murtii irraa eegamu baha ture jira. Hundeeffama Magaalaa Shaggar boodas,Mana Murtii Aanaa kutaa Magaalaa Sulultaa jedhamuun mogga’ee Kaayyoo hundeeffama magaalichaa waliin tarkaanfachuuf haala addaatiin rifoormiwwan manneen Murtii Oromiyaa keessatti diriiranii jiran hojiirra oolchuun kenniinsa tajaajilaa Abbaa seerummaa bu'aa qabeessa qulqulluu, Dhaqqabamumaa fi Si’ominaa Mirkannessuf xiyyeeffannoo Ol'aanaa kennuun hojjecha kan ture fi jirudha.

Visit Our Facebook Page