Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee
Obbo Shimallis Gaaromaa
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Magaalaan Shaggar erga hundaa’ee Waxabajjii bara 2015 keessa kan hundaa’e yeroo ta’u Kutaa Magaalaa Gafarsa gujee jalatti Aanaaleen Afur(4) 1. Aanaa Gafarsa Eegduu 2. Aanaa Kolooboo 3. Aanaa Gujee fi 4. Aanaan Gudduu kan hammatan ta’ee Yeroo ammaa kana human namaa Pirezidaantii 1, Abbootii seerraa 7, OA/Ittisaa 1, O/seeraa 6 fi hojjettoota deeggrsaa 21 walumatti hojjettoota 35 tajaajila kenniinsa Abbaa seerumma kennaa kan jirru ta’uu.
A. Bara 2015 keessa Waxajjii 05 bara 2015 hanga Adoolessaa 201 bara 2015 tti galmeewwan 490 galmeewwan 320 furmaata kan argatan ta’uu fi 65.30% kan raawwatame ta’uu fi karaa biraa
B. Bara 2016 keessa gameewwan 2839 socho’aa turan keessaa galmeewwan 2726 furmaata kan argatan ta’uu fi 91.01% kan raawwatame ta’uu.
C. Bara 2017 keessa galmeewwan 3001 socho’aa turan keessaa galmeewwan 2916 furmaata kan argatan ta’uu fi 97.16 % kan raawwatame ta’uu
Waa’ee Mana Murtii Aanichaa
Magaalaa Shaggar bifa haaraan gaafa hundaa’u Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee bifa haaraa akka hundaa’u ta’ee Manni keessatti hojjeetanii fi leecalloon ittiin hiojjetan osoo hin jiraatiin baajetni ramadames osoo hin jiraatiin duwwaa irrraa kaasuun hundeessuun Mana Murtii kana deeggrsa dhaabbilee fi hirmaanaa hawwaasaan Pirezidaantiin qofti ramadamee Mana Murtii kana hundeessuun yeroo ammaa hunma namaa Pirezidaantii 1, Abbootii seerraa 7, OA/Ittisaa 1, O/seeraa 6 fi hojjettoota deeggrsaa 21 walumatti hojjettoota 35 hojjechaa kana jirru ta’uu fi waggoota lama keessatti Manneen Murtii buleeyyii waliin dorgomaa taasisuu fi meeshaalaee dhaabbii fi meeshaalee tekinoolojii adda addaan guutuun hojiiwwan kenniinsa tajaajila Abbaa Seerummaa kanneen akka VK,E-Falinig,QMS, Mosaajii haaraan fi kkf hojjechuun hojiin boonsaa ta’e hojjetamaa turee jira.
Karaa biraa Manneen Murtii Aadaa Aanaalee 4 fi ol dabarfataa 1 irratti hundeessuu, barreessitoota qacaruu, meeshaalee adda addaa Manneen Murtii aadaa hundaaf akka guutu gochuu fi Manneen Murtii Aadaa hundaaf Mana keessatti hojjetan ijaasisuun xumursiisuun hojiin guddaann hojjetameen Manni Murtii A/Kutaa Magalaalaa keenyaa sadarkaa sadarkaa 3ffaa bahuun beekkamtii fi badhaasni nuuf kennameera.
Akka walii galaatti Manni Murtii A/Kutaa Magalaalaa keenyaa jijjiiramaa guddaa keessa kan jiru ta’uu dhaamsa koon dabarsa.