Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Furii
Obbo Ashannaafii Zagayyee
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Furii hundeeffama Magaalaa Shaggar waliin walqabatee hundaa’uun baatii Waxabbajjii bara 2015 irraa eegalee hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu eegalee jira. Haaluma kanaan Manni Murtii keenya karoora Manneen Murtii Orimiyaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaan qophaa’an irratti hundaa’uun karooraa ofii qopheeffachuun hojjechaa kan jirudha. Hojiiwwan karoorfaman kana keessatti tajaajilli kennamu qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa akka ta’uu taasisuun hojii isa bu’uuraati.
Haaluma kanaan bu’aawaan giddu galaa arfan “Qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’a Qabeessummaa Tajaajila Abbaa Seerummaa, Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaa fi Gaarummaa Bulchiinsa keessoo mirkaneessuuf karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa qabannee hojjechaa jirra.
Bu’aawwan eeggaman kana keessa qulqullinni tajaajila abbaa seerummaa dhibbeentaa guddaa kan qabatu ta’ee abbootiin seeraa Mana Murtii keenyaa qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf dhimmoota walfakkaataa irratti murtii walfakkaataa kennuu qabu. Kanaaf ammoo seerota falmisiisoo ta’an irratti mari’achuun ejjennoo walfakkaataa qabachuu, murtiiwwan dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Mana Murtii Waliigala Federaalaatti fayyadamuun murtii kennuudha. Dabalataanis falmii bitaaf mirga gidduutti ka’u irratti Madaalamummaa Adeemsa falmii yoo eegan qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa mirkaneessuun ni danda’ama.
Dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuu keessatti teekinooloojiitti fayyadamuun baasii abbaa dhimmaa xiqqeessuu fi yeroo qusachuuf kan hojjennudha. Haala kanaan abbootiin dhimmaa tajaajila teekinooloojiin kennamutti fayyadamuuf teekinoloojiin wal baruu aadeeffachuu qabu.
Gama biraan ammoo Manni Murtii Aadaa dhimmoota dhiyaataniif ariitiidhaan ilaaluun araaraan waan xumuramuuf namoota waldhabdee qaban irraa baasii ni hir’isa, yeroo gabaabaa keessatti furmaata waan argatuuf yeroo abbaa dhimmaas ni qusata. Kanaaf abbootiin dhimmaa waldhabdee isaanii gama Mana Murtii Murtii Aadaan yoo xumuratan kan jajjabeeffamudha.
Walumaagalatti Manni Murtii keenya Bilisummaa isaa eeggatee gaarummaa bulchiinsa Keessoo horachuun kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa taasisuun itti quufinsa abbaa dhimmaa dabaluun amantaa uummataa horachuuf ni hojjenna.
Ashannaaafii Zagayyee
Shaggar, Furii
Waa’ee Mana Murtii Aanichaa
Waa’ee Mana Murtii Keenyaa
Manni Murtii Aanaa kutaa Magaalaa Furii akkaataa Dambii Lakk. Dambii Lakk. 233/15 tiin hundeeffamaa Magaalaa Shaggariin wal qabatee bara 2015 keessa hundeeffamee Waxabajjii bultii, 11/2015 irraa eegalee hojii kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu eegalee jira.
Manni Murtii kun jalqaba yeroo hundeeffamu humna namaa Pirezedaantii, Abbootii Seeraa nama 5, O/seeraa namoota torba, Abukaattoo Ittisaa tokko fi Hojjettootaa Bulchiinsaa namoota 6 tiin hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu kan eegalee yoo ta’u, bara 2016 keessa humna namaa gama Hojjettoota Bulchiinsaa qacarrii fi jijjiirraadhaan guuttachaa dhufee jira. Bara baajataa 2017 keessas humna namaa hanga tokko dabalataan guuttachuudhaan kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa kennaa kan jirruu fi yeroo ammaa kanatti humna namaa Pirezedaantii, Abbootii Seeraa namoota shan, O/Seeraa namoota torba, Abukaattoo Ittisaa tokkoo fi Hojjettoota Bulchiinsaa (Siivil Sarvaantii) 17 waliigala namoota 31 taanee hojjechaa jirra.
Haaluma kanaan bara 2016 keessa dhimmoonni 2543 Mana Murtii keenyatti dhiyaatan kana keessaa dhimmoota 2418 furmaata kennuun dhibbeentaa 95.08% raawwachuun danda’amee jira. Bara 2017 keessas humna namaa walfakkaataan tajaajila kennaa kan jirru yoo ta’u, bara kana keessa hanga Waxabajjii, 06/2017tti dhimmoonni 2841 dhiyaatanii dhimmootaa 2760 ta’aniif furmaata kennuun dhibbeentaa 97.14% raawwachuun danda’amee jira. Qabannaa ragaan wal qabatee galmeen Mana Murtii keenyaatti dhiyaatan hunda “Iskaan”gochuun ragaa isaa gara soofti koopiitti jijjiirruun qabachaa kan jiruu yoo ta’u ragaa kana DMS Mana Murtii Waliigala Oromiyaa irratti fe’uun teechisaa jirra.
Baayi’ina dhimmoonni Mana Murtii keenyatti dhiyaachaa jiranii yoo ilaallu bara 2016 keessa dhimmoonni 2543 dhiyaatanii dhimmoota 2418 furmaata argatanii jiru. Bara 2017 keessa ammo dhimmoonni 2841 dhiyaatanii kana keessaa dhimmoonni 2760 ta’an furmaata argatanii jiru. Haala kanaan garaagarummaa bara lamaanii wal bira qabnee yoo ilaallu kan bara darbee irraa lakkoofsaan dhimmoota 298n dabalee jira. Raawwii dhimmootaa kan bara lamaaniis yoo wal bira qabnee ilaallee bara kana kan bara darbee irraa dhibbeentaa 2.06% caalmaa raawwannee jirra.
Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa keenya keessatti Qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’aa Qabeessuummaa tajaajila abbaa seerummaa dabaluuf hojjechaa kan jirru yoo ta’u, tajaajila keenya daran Qulqulluu, Dhaqqabamaa, Si’ataa fi Bu’a Qabeessa taasisuuf tekinoolojiitti fayyadamne hojjechaa kan jirrudha. Haaluma kanaan dhimmoota Mana Murtii keenyatti murtii argatanii ol’iyyannoon Mana Murtii ol’iyyannoo dhagahutti ergamu irratti e-filing fayyadamuun abbaa dhimmaaf ol’iyyannoo ergaa kan jirru yoo ta’u, abbaan dhimmaa bu’aa komii ol’iyyannoo isaa dhaga’uuf Mana Murtii Ol’iyyannoo ilaalu deemuun osoo hin barbaachisne Dhaddacha viidiyoo Koonfiraansii qopheessuun tajaajila kennaa jirra. Haala kanaan ammoo baasii abbootiin dhimmaa keenya baasuu malan kan irraa hir’isne yoo ta’u, yeroo/sa’aatii/ abbaa dhimmaa jalaa qisaasamullee hambisuun danda’amee jira. Tajaajila kenninu waraqa maleessa (paperless Court) taasisuuf Karoorri qabamee itti deemamaa kan ture yoo ta’u Moosaajii haaraa Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar qorachiisee hojii irra olchetti fayyadamuun akka Mana Murtii keenyaatti tajaajila ittiin kennuu eegallee waan jirruuf bara dhufu keessatti Kenniinsa tajaajila Abbaa seerummaa keenya guutummaatti waraqa maleessaa (paperless Court) taasisuuf hojjechaa jirra.
Tajaajila kenninu irratti itti quufinsa abbootii dhimmaa Mana Murtii keenya dhufanii yeroo yeroon kan gaggeesisu yoo ta’u, xiinxala gaggeeffameen dhibbeentaa 88% tajaajila keenya irratti itti quufinsa kan qaban ta’uu yoo nuuf ibsan dhibbeentaan 12% ammoo itti quufinsa kan hin qabne ta’uu ibsanii jiru. Sadarkaan itti quufinsa keenyaa sadarkaa gaarii irra kan jiru ta’us gara fuula duraatti kana caalaa dabaluuf cimnee hojjenna.