Ergaa Prezidaantii Mana Murtichaa
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan
Obbo Fayyisaa Abbashuu
Ergaa Pirezedaantii
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan bara 2007 dhaddacha dhaabbiittiin Mana Murtii Aanaa Aqaaqii jalatti hundeeffamee hojjechaa kan ture yoo ta’u,bara 2010 keessa immoo akkaa taa qajeelfama hundeeffama manneen murtii Aanaleetii GAONF jalatti hundeeffamee hojjetaa kan ture yommuu ta’u,hundeeffama Magaalaa Shaggar bu’ureeffachuudhaan caasseffama hundeeffama MMOM Shaggar jalatti hundaa’udhaan tajaajila Abbaa seerummaa kennaa turee jira. Haaluma kanaan Manni Murtii keenya karoora BIX kan Waggaa 10 fi 5 irraa bara baraan Karoora Waggaa haala yaa’iinsa karoora MMWO fi MMOMSH eeggateen qopheeffachuudhaan ittin qajjeelfamee hojjechaa turee jira.
Bu’uruma kanaan akka mana hojii keenyatti bu’aawwan giddu galaa arfan, qulqullina tajaajila Abbaa Seerummaa, dhaqqabamummaa,si’oominaa fi bu’a qabeessummaa tajaajila Abbaa Seerummaa, bilisummaa fi itti gaafatamummaa fi gaarummaa bulchiinsa keessoo mirkaneessuuf karoora BIX hojiitti hiikuudhaan ittiin hojjechaa jirra.
Bu’aawwan eeggaman kana fiduudhaaf akkaataa karoora keenyyaatiin qulqullinn, dhaqqabamummaa, si’oominaa fi qindoominaan hojjechuudhaan abbootiin seeraa Mana Murtii keenyaa kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf hojjechuu qabu. Kanaaf ammoo qaajjelmoota fi laabsiiwwan haaraa ba’an fayyadamuu, akkasumas murtiiwwan dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Mana Murtii Waliigala Federaalaatti fayyadamuun murtii kennuudha. Dabalataanis falmii bitaaf mirga gidduutti ka’u irratti Madaalamummaa Adeemsa falmii yoo eegan qulqullina tajaajila Abbaa Seerummaa mirkaneessuun ni danda’ama.
Dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf teekinooloojiitti qixa hundaan harcaatii tokko malee fayyadamuun baasii abbaa dhimmaa xiqqeessuu fi yeroo qusachuuf kan hojjennu ta’a.
Manni Murtii Aadaa Uummanni waldhabdee isaa Aadaa isaa isa ganamaatti deebi’uudhaan araaraan akka hikkatuuf waan deeggaruuf horddoffii fi deeggarsii wal-irraa hin cinnee ni taasifamaafi.Kanaaf abbootiin dhimmaa waldhabdee isaaniin gama Mana Murtii Murtii Aadaan yoo xumuratan kan jajjabeeffamudha.
Walumaagalatti Manni Murtii keenya Bilisummaa heeraan kennameef fayyadamuudhaan kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa, si’ataa fi bu’a qabeessa taasisuun itti quufinsa abbaa dhimmaa dabaluun amantaa uummataa horachuuf ni hojjeta.
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan
Waa’ee Mana Murtii Aanichaa
Seenaa Mana Murtii Keenyaa
Manni Murtii Aanaa kutaa Magaalaa Galaan Bu’uura heera moottimmaa Naannoo Oromiyaa fooyya’ee baheen, akkaataa labsii Lakk. 46/1994 keewwata 49 (3) (a) tiin bara 2010 GAONF jalatti hundeeffame hojjetaa kan ture yoo ta’u, bitootessa 11/2015 hundeeffama Magaalaa Shaggar bu’uura godhachuudhaan Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar jalatti hundaa’udhaan hojii kenniinsa tajaajila Abbaa Seerummaa kennaa turee jira.
Manni Murtii keenya jalqaba yeroo hundeeffamu humna namaa Pirezedaantii, Abbootii Seeraa nama 2, O/seeraa namoota tokko (1) fi Hojjettootaa Bulchiinsaa namoota 7 walumaa galatti hojjettota kudha tokkoon (11) hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu kan eegalee yoo ta’u, Bara baajataa 2017 keessa humna namaa Pirezedaantii, Abbootii Seeraa nama 4, O/seeraa namoota 4, fi Hojjettootaa Bulchiinsaa namoota 22, qaadii 1, A/I ,1 walumaa galatti hojjettota soddomii sadi (33) guuttachuudhaan kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa kennaa kan jiruudha.
Haaluma kanaan bara 2017 keessa dhimmoonni 1626 Mana Murtii keenyatti dhiyaatan keessaa dhimmoota 1587 furmaata kan argate yoo ta’u, dhibbeentaa 97.7% raawwachuun danda’amee jira.
Qabannaa ragaan wal qabatee galmeen Mana Murtii keenyaatti dhiyaatan hunda tartiba lakkoofsa galmee eegamee qabachaa kan jirru yoo ta’u, galmeewwan murtii argatan hunda iskaan gochuudhaan DMS irratti fe’uun danda’amee jira.
Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa keenya keessatti Qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’aa Qabeessuummaa tajaajila abbaa seerummaa dabaluuf hojjechaa kan jirru yoo ta’u, tajaajila keenya daran Qulqulluu, Dhaqqabamaa, Si’ataa fi Bu’a Qabeessa taasisuuf qixa hundaan teknoolojiitti fayyadamnee hojjechaa kan jirruudha. Haaluma kanaan dhimmoota Mana Murtii keenyatti murtii argatanii ol’iyyannoon Mana Murtii ol’iyyannoo dhagahutti ergamu irratti e-filing fayyadamuun abbaa dhimmaaf ol’iyyannoo ergaa kan jirru yoo ta’u, abbaan dhimmaa bu’aa komii ol’iyyannoo isaa dhaga’uuf Mana Murtii Ol’iyyannoo ilaalu deemuun osoo hin barbaachisne Dhaddacha viidiyoo Koonfiraansii qopheessuun tajaajila kennaa jirra. Haala kanaan ammoo baasii abbootiin dhimmaa keenya baasuu haalan kan irraa hir’isne yoo ta’u, yeroo abbaa dhimmaa jalaa qisaasamullee hambisuun danda’amee jira. Tajaajila kenninu waraqa maleessa (paperless Court) taasisuuf Karoorri qabamee itti deemamaa kan ture yoo ta’u Moosaajii haaraa Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar kalaqeen hojii irra olchetti fayyadamuun akka Mana Murtii keenyaatti tajaajila ittiin kennuu eegallee waan jirruuf bara itti aanu keessatti Kenniinsa tajaajila Abbaa seerummaa keenya guutummaatti waraqa maleessaa (paperless Court) taasisuuf hojjechaa jirra.
Manni Murtii keenya Hundeeffama Manni Murtii Aadaa bu’ureeffachuudhaan manneen murtii Aadaa jalaqabaa sadii fi mana murtii Aadaa oldabarfataa tokko kan qabuu fi kan itti Uummanni waldhabdee isaa Aadaa isaa isa ganamaatti deebi’uudhaan araaraan akka hikkatuuf waan deeggaruuf horddoffii fi deeggarsii wal-irraa hin cinnee ni taasifamaafi.