Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794
...

Gamaaggamni Raawwii Hojii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar kan bara 2018 gaggeeffame.

Gamaaggamni Raawwii Hojii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar kan bara 2018 gaggeeffame.

       ===//===

Gamaaggamni Raawwii Karoora Hojii Waggaa Manneen Murtii Magaalaa Shaggar kan bara 2018 gaggeeffame.

Waltajjii gamaaggama raawwii hojii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar kana irratti haasaa baninsaa kan taasisan Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar kabajamoo obbo Kumalaa Buusaa haasaa taasisaniin bara kana tajaajila abbaa seerummaa moosaajii Shagar e-court hojiirra oolchuudhaan guutummaatti waraqaa maleessa taasisuudhaan karaa Dijitaalaatiin tajaajilli kennamaa ture dhaqqabamummaa fi Si'oomina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuudhaan bu'aan argame olaanaa ta'uu fi tajaajilli kun qulqullina kenninsa tajaajila abbaa seerummaa fooyyessuu keessattis bu'aan argame olaanaa waan ta'eef milkaa'ina argame kana keessatti qaamolee gahee qaban hunda galateeffatanii jiru.

Daariktera Daarektoreetii qorannoo fi atoominaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo Obbo Tacaan Margaa waltajjicha irratti argamuun kallattii hojii kennaniin hojiilee akka manneen murtii magaalaa shaggaritti gama hundaan hojjetamaniin milkaa’inni argame olaanaa ta’uu kaasuudhaan qaamolee hojii kana milkeessan hunda galateeffatanii jiru. Itti dabaluudhaan kenninsa tajaajila abbaa seerummaa daran qulqulluu taasisuuf gaheen qaamolee garagaraa akkuma jirutti ta’ee, manneen murtii tajaajilli kennamu qulqulluu akka ta’u ciminaan hojjechuun barbaachisaadha jedhanii, gama si’oominaatiin raawwiin bara kana jiru karooraa ol ta’uun milkaa’ina waan ta’eef ciminaan irratti hojjechuun barbaachisaadha jedhan. Dabalataan raawwiin manneen murtii aadaa raawwii manneen murtii idileetiin ol ta’uun cimina olaanaadha jedhanii, raawwii bara kanaatiin osoo hin dagatiin harcaatiiwwan gama maraan jiran irratti hojjechuun barbaachisaadha, moosaajiiwwan garagaraa misoomaa jiranis daran bilchaatee akka manneen murtii hundaatti kan waliinii akka ta’u irratti hojjetamuu qaba jedhan.

Bara kana akka manneen Murtii Magaalaa Shaggaritti dhimmoonni hundi karaa Dijitaalaatiin kan saaqaman yoo ta'u, mana murtii olaanaatti dhimmoonni hundi karaa dhagaha halaalaatiin kan keessummeeffamaa turanii fi manneen murtii aanaalee kutaalee magaalaattis akkuma bu'aa qabeessummaa isaatti dhagahi halaalaa mijeeffamee akkasumas qaamaan keessummeeffamaa tureera.

Sadarkaa raawwiitiin wal qabatee akka manneen Murtii Magaalaa Shaggaritti Manneen Murtii sadarkaa lamaanittuu galmeewwan 36,102 dhiyaatan keessaa 35,361 furmaata kan argatan yoo ta'u raawwiin gama si'oominaa tiin jiru 97.95 % ta'e, raawwii kan bara kamiiyyuu caalaa milkeessuun danda'amee jira. Dhimmoota dhiyaatan kanneenis dhibbeentaa 98.39 % daangaa seeraan kaa’ame keessatti kan xumura argatan ta’uun akka ciminaatti gamaaggamamee jira.

Gama biraatiin, Manneen Murtii Magaalaa Shaggar hunda Kaameraadhaan walitti hidhuudhaan, giddugala to’annoo haalaa (Situation room) Mana Murtii olaanaa irraa manneen Murtii Aanaalee kutaalee magaalaa hunda to’achuu danda’uu fi giddugala bilbila gabaabaa hundeessuudhaan akkasumas ogeessotaaf leenjii barbaachisu kennuudhaan abbaan dhimmaa halaala irraa dhimma isaa akka hordofatu haala mijeessuun, hojiilee dijitaalaayizeeshinii hojjetamaa jiran kanas godinaalee Oromiyaa birootiif qooduu akkasumas qaamolee garagaaraatiif hojiillee mana murtii beeksisuun akka ciminaatti kan gamaaggamame yoo ta’u, harcaatiiwwan keessummeessaan wal qabatan caalumatti akka furamus kallattiin kennameera.

Waltajjii gamaaggamaa kana irratti Moosaajiiwwan haaraa misoomfaman 1ffaa Moosaajii Hojiiwwan Bulchiinsaa Mana Murtii Walitti hidhu ( Qabeenya namaa fi maallaqaa akkasumas caasaa humna namaa Manneen murtii Magaalichaa bulchuuf kan gargaaru), 2ffaa Forum Management system kan jedhamu Qaboo Yaa'ii waltajjiiwwan Koree Bulchiinsaa fi Mariiwwan garagaraa akkasumas to'annoo hojjetaa karaa Dijitaalaatiin hoogganuuf kan gargaaru, 3ffaa Moosaajii Madaallii Naamusa Hojjettootaa fi Madaallii Raawwii hojii Hojjettoota Manneen murtii ogeessotaan misoomfame dhiyaatee kan irratti mari’atame yoo ta’u, moosaajiiwwan kunneen hundi walitti hidhamanii waliigalatti hojiiwwan bulchiinsaa Mana murtii keessatti raawwataman hunda karaa waraqaa irraa bilisa ta'een karaa Dijitaalaatiin tajaajilli akka kennamuu fi ragaan isaas karaa digitaalaan akka qabamu karaa qindaa'een walitti hidhamiinsa godhatee nageenyummaan isaa haala amansiisaa ta'een cimee tajaajilli Manneen Murtii Magaalaa Shaggariin kennamu Shaggar e-court irraa guutummaatti gara Shaggar e-court service tti cehee akka hojiirra oolu akkasumas tajaajilli abbaa seerummaa Manneen Murtii Magaalaa Shaggariin kennamu gama dhaqqabamummaa fi si’oominaatiin, bilisummaa fi itti gaafatamummaa akkasumas gaarummaa bulchiinsa keessootiin milkaa’inni argame, gama qulqullinaatiinis harcaatiin jiru daran akka fooyya’u, raawwii bara kana argame caala hojjechuun, harcaatiiwwan jiran irratti hojjechuun akka barbaachisu pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kab/ObboKumalaa Buusaa fi I/A/Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kab/Aadde Najaat Mahaammad tiin kallattiin kennameera.

Waltajjicharratti Koreen Hooggansa, Hordoffii fi Deeggarsa Kilaastera Giddugaleessaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Koree Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa fi kan kanneen Manneen Murtii Aanaalee Kutaalee Magaalaa hirmaatanii kan jiran yoo ta’u, waltajjichi qopheessummaa Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Sabbataatiin, Magaalaa Sabbataatti kan gaggeeffamedha.

 

Komunikeeshinii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar

Waxabajjii 27/2018

Shaggar

Odeeffannoo dabalataatiif Bilbila gabaabaa 8794 irratti sa’aatii hojiitti bilbilaa.

Toora marsariitii (Website) https://shaggarcitycourt.gov.et/ daawwadhaa!

...

Gaabasa Raawwii hojii bara 2018

Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar gabaasa raawwii hojii Bara 2018 Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa fi Seeraa Mana Maree Magaalaa Shaggariif dhiyeessee jira.

‎Finfinnee Waxabajjii 20 bara 2018

‎•••//•••

‎Hojiiwwan bara 2018 keessatti karoorfamanii hojjetaman kallattii Qulqullinaa Dhaqqabamummaa, Si’aayinaa, Bu’a Qabeessummaa tajaajila abbaa seerummaa fi Bilisummaa, Itti Gaafatamummaa, Iftoomina Mana Murtii, abbaa seeraa akkasumas gaarummaa bulchiinsa keessoo cimsuun raawwataman dhiyaatanii mariin irratti gaggeeffameera.

‎Keessattu Manneen Murtii Magaalaa Shaggar bara kana keessa tajaajila abbaa seerummmaa Kara dijitaala Shaggar E-courtn kennama jiru akkaa biyyaatti fakkeenyummaa guddaa kan argatte ta'u ibsame jira.

‎Kominiikeeshinii Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar.

...

Muuxannoo Wal Jijjiirraa

Manneen Murtii Magaalaa Adaamaa, Manneen Murtii Magaalaa Shaggar irraa muuxannoo qooddatan.
==//==
Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Adaamaa tiin durfamu, daawwannaa fi jijjiirraa muuxannoo Manneen Murtii Magaalaa Shaggar waliin taasisan.
Jila kanaaf simannaa fi haasaa baga nagaan dhuftanii kan taasisan Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kab/Obbo Kumalaa Buusaa akka jedhanitti, kenna tajaajila abbaa seerummaa gara waraqaa maleessaa(e-court) tti ceesisuun akka magaalaa shaggaritti kennamaa jiru daawwachuuf dhufuu keessaniif baga nagaan dhuftani jechuudhaan, moosaajii Shaggar e-court tiin tajaajila abbaa seerummaa kennamaa jiru akkasumas piroojektiiwwan kanaan wal qabachuun hojjetamaa jiran waliin wal qabatee ibsa bal'aa kennanii jiru.
Pirezidaantiin mana murtii Olaanaa Magaalaa Adaamaa fi Pirezidaantonni Manneen Murtii Aanaalee kutaalee magaalaa Adaamaa akkasumas miseensonni koree bulchiinsaa daawwanaa taasisan, muuxannoo Manneen Murtii Magaalaa Shaggar irraa argatanitti gammaduu fi hanga eeganii ol ta'uu ibsuudhaan, muuxannoo argatan kanaa gara Manneen Murtii Magaalaa Adaamaatti fudhatanii madaksuudhaan kan itti dhimma bahan ta'uu ibsuudhaan, muuxannoo fi ibsa bal'aa argataniif galateeffatanii jiru.
Komunikeeshinii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar!
Guraandhala 30/2018

...

Itti fayyadama Moosaajii Shaggar E-court irratti Abukaattotaaf hubannoon kenname

Itti fayyadama Moosaajii Shaggar E-court irratti Abukaattotaaf hubannoon kenname.
==//==
Kora Waldaa Abukaattota Oromiyaa Damee Magaalaa Shaggartiin qophaa'e irratti itti fayyadama Moosaajii Shaggar E-court irratti Abukaattotaaf hubannoon kennamee jira.
Waltajjicha irratti haasaa kan taasisan Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Obbo Kumalaa Buusaa akka jedhanitti Abukaattonni dhuunfaa haqa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta'uu kaasuun, Manneen Murtii Magaalaa Shaggar moosaajii Shaggar E-court jedhamu misoomsuun tajaajila Abbaa Seerummaa waraqaa maleessa taasisuun itti hojjetamaa jiru Si'oominaa fi dhaqqabamummaa akkasumas Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa dabaluun baasii xiqqaa fi dhamaatii malee abbaan dhimmaa bakkuma jiru taa'ee tajaajila akka argatu taasisee waan jiruuf itti fayyadama isaa ilaalchisee hubannoo gabbisuu fi harcaatiiwwam jiran irrattis hojjechuuf ta'uu ibsanii jiru.
Barreeffama hubannoo cimsu kan dhiyeessan Daayirektara Daayirektoreetii Hojii Dijitaalizeeshinii fi Misooma TQO Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Obbo Getaachoo Balaachoo yoo ta'u itti fayyadama Moosaajii Shaggar E-court irratti harcaatiiwwan gama Abukaattotaatiin jiruu fi moosaajicha irratti wantoota haaraa dabalaman irratti hubannoo kennanii, abukaattoos ta'ee abbaan dhimmaa biroo odeeffannoo fi deeggarsa yeroo barbaadanitti guddugala bilbilaa #8794 irratti bilbiluun odeeffannoo galmee fi kenna tajaajila abbaa seerummaa Manneen Murtii Magaalaa Shaggar hunda argachuu kan danda'an ta'uu akkasumas marsariitii (website) Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar fayyadamuun odeeffannoo dabalataa argachuu akkasumas komiin yoo jiraates karaa sirna diriiree jiruun akka ilaallamu dhiyeeffachuu akka danda'an ibsanii jiru.
Itti gaafatamaan Mana hojii Abbaa Alangaa Magaalaa Shaggar Obbo Yohaannis Abdataa haasaa taasisaniin haqa mirkaneessuu keessatti qindoominni qaamolee haqaa akkuma jirutti ta'ee, gaheen Abukaattotni qaban olaanaa ta'uu kan ibsan yoo ta'u, Kenna tajaajila Seeraa bilisaa irrattis hubannoon kennamee jira.
Waltajjichi Magaalaa Finfinnee, Galma Giddugala Aadaa Oromoo tti Waldaa Abukaattota Oromiyaa Damee Magaalaa Shaggariin kan qophaa'edha.
Sadaasa 27/2018
Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar.
Odeeffannoo dabalaataaf marsariitii keenyaa :- https://ecourt.shaggarcity.et/
Bilbilaa gabaabaa :- 8794.

...

Leenjiin Qulqullina Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa fooyyessuu irratti fuulleffate Abbootii Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaggariif kennamuu eegale.

Leenjiin kun guyyaa lamaaf kan kennamu yoo ta'u guyyaa jalqabaatiin Qajeelfama Adabbii Lak.3/2017 bahe irratti Leenjisaa fi Daariktera Daariktoreetii Leenjii ILQSO kan ta'an Obbo Milkii Makuriyaa tiin kennamaa jira.
Waltajjicha haasaa baninsaa fi baga nagaan dhuftanii kan taasisan Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaaagaalaa Shaggar Obbo Kumalaa Buusaa akka jedhanitti, Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa akka Manneen Murtii Magaalaa Shaggaritti jiru qulqulluu fi wal fakkeenyummaa akka qabaatuuf dandeettii fi hubannoo Abbootii Seeraa akkasumas kan Abukaattota Ittisaa cimsuuf yaadamee kan qophaa'edha jedhan.
Waltajjicha irratti Abbootiin Seeraa Manneen Murtii Magaalaa Shaggar Sadarkaa lamaanuu jiranii fi Abukaattonni Ittisaa kan hirmaatan yoo ta'u, guyyaa boruus mata duree biraa irratti kan itti fufee kennamu ta'a.
Sadaasa 05/2018
Mana Abbichuu

...

Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar irraa Muuxannoo qooddate.

I/A/Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kab/Aadde Najaat Mahaammed, keessummoota muuxannoo qooddachuuf dhufan baga nagaan dhuftan jechuudhaan, haasaa taasisaniin Manni murtii qaamolee motummaa keesaa tokko waan ta'eef Manneen murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar bilisummaa Mana Murtii fi Abbaa Seerummaa haala kabachiiseen, qaamolee mootummaa fi miti mootummaa biraa waliin qindoominaan hojjechuudhaan, baajata idileedhaan ramadameef cinaatti deeggarsa qaamolee garagaraa irraa argameen meeshaalee hojiif barbaachisan guuttachaa naannoo hojii mijataa taasisaa jira jedhan.
Itti dabaluunis manni murtii magaalaa Shaggar moosaajii Shager E_court system jedhamu misoomsee tajaajila abbaa seerummaa gara waraqaa maleessaatti ceesisaa kan jiru qaamolee gara garaa waliin qindoominaan waan hojjetameefi jechuun, fuulduraafis hojiileen hedduun karoorfamanii jiru jedhan.
Jilli koree Bulchiinsaa Mana Murtii olaanaa godina Shawaa Lixaa obbo Dabalaa Didhaatiin durfamuun mana murtii olaanaa Magaalaa Shaggaritti argamuun muuxannoo qooddatanis muuxannoo argatanitti gammaduu fi muuxannoo argatan kana godina isaaniittillee hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta'uu ibsuudhaan, simannaa isaaniif taasifameef galateeffatanii jiru.
Kominikeeshinii M/M/Olaanaa Magaalaa Shaggar.
Fulbaana 30/2018