Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794
...

Muxanno fi Daawwannaa hojii

Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa kab/Obbo Toofiq Shamsuu tiin durfamu fi Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Bunnoo Baddallee kab/obbo Waaqtolaa Yaadataa tiin durfamu hojiilee dijitaalaayizeeshinii manneen Murtii Magaalaa Shaggaritti hojjetamaa jiru daawwatan.

==//==

Manneen Murtii Godina Jimmaa fi Bunnoo Baddallee kenna tajaajila abbaa seerummaa fi hojiilee bulchiinsaa biroo guutummaatti dijitaala taasisuun tajaajila manneen murtii Magaalaa Shaggar sadarkaa manneen Murtii Aanaalee kutaa magaalaa fi Mana Murtii Olaanaa tti tajaajila qulqullina qabu, si'ataa fi dhaqqabamaa kennamaa jiru daawwatanii jiru.

Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar kab/obbo Kumalaa Buusaa fi I/A/Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar kab/Aadde Najaat Mahaammad keessummoota Manneen Murtii Godina Jimmaa fi Bunnoo Baddallee irraa Muuxannoo qooddachuuf dhufan simachuudhaan haasaa taasisaniin,  Manneen Murtii Magaalaa Shaggar hojiileen muuxannoo ta'u  jira jedhanii Shaggar filatanii dhufuu isaaniitiif akkasumas yaadaa fi beekamtii hojiilee manneen murtii keenyaaf kennitaniif galatoomaa jedhanii, sochiilee hojii manneen murtichaa daawwachiisuun ibsa bal'aas laatanii jiru.

Dhumarrattis pirezidaantoleen Manneen Murtii lamaan muuxannoo qooddachuuf dhufan muuxannoo Manneen Murtii Magaalaa Shaggar irraa argame gara godina isaaniitti deebi'anii hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta'uu kaasuudhaan, simannaa fi keessummeessa manneen murtii Magaalaa Shaggar taasiseef ilaalchisee kennaa galataa fi beekamtii kennanii jiru.

Komunikeeshinii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar 

   Fulbaana 12/2019

Shaggar, Finfinnee

Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Baalee Obbo Muhaammadxayyib Nuureetiin durfamu Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggaritti argamuun muuxannoo qooddateera.

Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Baalee Obbo Muhaammadxayyib Nuureetiin durfamu Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggaritti argamuun muuxannoo qooddateera.
==//==
Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Baalee Obbo Muhaammadxayyib Nuureetiin durfamu Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggaritti argamuudhaan muuxannoo qooddatanii jiru.

Fulbaana 8/2029

Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Kumalaa Buusaa keessummootaaf ergaa baga nagaan dhuftanii fi muuxannoo qoodan keessatti, tajaajila abbaa seerummaa qofa osoo hin taane hojiilee manneen Murtii gama hundaan waraqaa maleessa taasisuun tajaajila si’ataa fi dhaqqabamaa ta’e tajaajila yeroon gaafatu kennuun leeccalloo qofa osoo hin taane kutannoo kan barbaadu ta’uu kaasuudhaan, manneen murtii biroofillee muuxannoo qooduu fi deeggarsa barbaachisu taasisuu kan itti fufan ta’uu ibsanii, Manneen Murtii Godina Baalee, Magaalaa Shaggaritti argamanii muuxannoo qooddachuuf nu filachuu keessaniif galatoomaa jedhanii jiru.

Jilli Mana  Murtii Olaanaa Godina Baalee irraa dhufanis, sochiilee hojii mana murtii Magaalaa Shaggar keessatti hojjetamaa jiru daawwatanitti gammaduu isaanii ibsuudhaan muuxannoo argata gara godina isaaniitti deebi’anii hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta’uu ibsuudhaan, ibsa bal’aa kennamee fi muuxannoo argataniif galateeffatanii jiru.

Dhumarrattis, Pirezidaantiin Mana Murtii Ol'aanaa Godina Baalee kab/obbo Muhaammadxayyib Nuureetiin, Pirezidaantii  Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar Kab/Obbo Kumalaa Buusaatiif kennaa jaalalaa kennanii jiru.

...

Daawwannaa Hojii fi Muuxannoo qooduu

Daawwannaa Hojii fi Muuxannoo qooduu
Hagayya 14/2018
==============//=================
Manneen Murtii Magaalaa Hawaasaa fi Qaamoleen haqaa Mootummaa Naannoo Sidaamaa Mana Murtii Magaalaa Shaggaritti argamuun muuxannoo qoodaatan.
Daawwannaa isaanii kanaan hojiilee teeknoolojiin deeggaramuun hojjetamanii manneen murtii magaalaa Shaggar kan yeroo ammaa kana guutumaan guututti gara mana Murtii elektiroonikaa(e-Court) tti jijjiirame fi mijaayina bakka hojii, giddugala daataa(Data Center),wiirtuu bilbilaa(call center), setuation room, moosaajii Shaggar e-Court fi Shaggar Intgrated Management System (ShiMS) erga ilaalanii booda waan ilaalanitti kan gammadan ta’uu fi muuxannoo kan gara Manneen Murtii Magaalaa isaanitti ni fudhanna jedhaniiru.
Kominikeeshinii MMO/M/Shaggar
Hagayyaa 14/2018
Shaggar
Odeeffannoo dabalataatiif Bilbila gabaabaa 8794 irratti sa’aatii hojiitti bilbilaa.
Toora marsariitii (Website) https://shaggarcitycourt.gov.et/ daawwadha

...

Daawwannaa Hojii

Daawwannaa Hojii Hooggantootni olaanoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaafi Magaalaa Hawaasaa Magaalaa Shaggaritti argamuun daawwannaa hojii taasisaniiru; kana malees, muuxannoo Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar irraa qoodataniiru.

 Hooggantootni olaanoo kun erga simannaan godhameefii booda, hojilee Mana Murtii Magaalaa Shaggar hojjetaman daawwataniiru. Daawwannaa kana irratti, Mana Murtii Magaalaa Shaggar akka biyya keenyaatti isa jalqaba ta'ee tajaajila abbaa seerummmaa gara waraqaa mallesatti (paperless) jijjiiruun sirna Shaggar E-Court hojiirra oolche daawwataniiru. Dabalataanis, mijaa'inna Mana hojichaa kan ta'an Smart Court, Smart Bench, Call Center, Data Center, fi Situation Room daawwataniiru.

...

Leenjii

Moosaajii haaraa Bulchiinsa Qabeenyaa,Bajeeta fi Humna namaa"property management system" irratti leenjiin kenname.

==//==

Manneen Murtii Magaalaa Shaggar tajaajila abbaa seerummaa Moosaajii Shaggar E-court jedhamuun tajaajilli karaa dijitaalaa kennamu cinaatti, moosaajii haaraa bulchiinsa Faayinaansii, Qabeenyaa fi humna namaa bulchuuf gargaaru misoomsuudhaan leenjii irratti kennamee jira.

Leenjicha kan kennan ogeessota TQO fi Humna namaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar yoo ta'an, ogeessonni manneen murtii aanaalee kutaalee magaalaa hirmaatanii jiru.

Kominikeeshinii MMO/M/Shaggar

Adoolessa 4/2018

Shaggar

Odeeffannoo dabalataatiif Bilbila gabaabaa 8794 irratti sa’aatii hojiitti bilbilaa.

Toora marsariitii (Website) https://shaggarcitycourt.gov.et/ daawwadhaa!