Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794
...

Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar irraa Muuxannoo qooddate.

I/A/Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kab/Aadde Najaat Mahaammed, keessummoota muuxannoo qooddachuuf dhufan baga nagaan dhuftan jechuudhaan, haasaa taasisaniin Manni murtii qaamolee motummaa keesaa tokko waan ta'eef Manneen murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar bilisummaa Mana Murtii fi Abbaa Seerummaa haala kabachiiseen, qaamolee mootummaa fi miti mootummaa biraa waliin qindoominaan hojjechuudhaan, baajata idileedhaan ramadameef cinaatti deeggarsa qaamolee garagaraa irraa argameen meeshaalee hojiif barbaachisan guuttachaa naannoo hojii mijataa taasisaa jira jedhan.
Itti dabaluunis manni murtii magaalaa Shaggar moosaajii Shager E_court system jedhamu misoomsee tajaajila abbaa seerummaa gara waraqaa maleessaatti ceesisaa kan jiru qaamolee gara garaa waliin qindoominaan waan hojjetameefi jechuun, fuulduraafis hojiileen hedduun karoorfamanii jiru jedhan.
Jilli koree Bulchiinsaa Mana Murtii olaanaa godina Shawaa Lixaa obbo Dabalaa Didhaatiin durfamuun mana murtii olaanaa Magaalaa Shaggaritti argamuun muuxannoo qooddatanis muuxannoo argatanitti gammaduu fi muuxannoo argatan kana godina isaaniittillee hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta'uu ibsuudhaan, simannaa isaaniif taasifameef galateeffatanii jiru.
Kominikeeshinii M/M/Olaanaa Magaalaa Shaggar.
Fulbaana 30/2018

...

Waltajjii marii Karooraa fi Sirna walharkaa fuudhiinsa karoora hojii Manneen Murtii Magaalaa Shaggar kan bara 2018

Manneen Murtii Magaalaa Shaggaritti, Karoora Raawwii Hojii Bara 2018 irratti marii bal'aa taasisuun sirni mallattoo fi wal harkaa fuudhinsa Karooraa taasifamee jira.
Waltajicha irratti Karoorri Manneen Murtii Magaalaa Shaggar karaa Daariktoreetii Karooraa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggariitiin dhiyaatee kan irratti mari'atame yoo ta'u, ciminaalee fi hanqinaaleen raawwii bara darbee haalaan xiinxalamee, ciminaalee raawwii bara darbee keessatti galmaa'an haala itti fufsiisuu danda'amuu fi bakka harcaatiin jirutti immoo haala furuun danda'amu irratti akkasumas safartuulee fi agarsiiftuuwwan karoora duraan jiranii fi haaraa dabalaman irratti bal'inaan mari'atameera.
Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kab/Obbo Kumalaa Buusaa haasaa baninsaa keessatti akkasumas dhumarratti kallattii hojii kennaniin akka jedhanitti, Manneen Murtii Magaalaa Shaggar raawwii bara 2017 tiin hojii gaarii hojjechuun beekamtiin nuuf kennamuun isaa karoora bara kanaatiif hamilee kan nuuf kennu ta'uun akkuma jirutti ta'ee, Manneen murtii keenya moosaajii haaraa Shaggar E_Court system jedhamu misoomsinee jirru sirnaan hojiirra oolchuudhaan, kenninsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa fi si'ataa taasisuudhaan sirna falmii elektiroonikaa guutummaatti hojiirra oolchuu waan eegalleef, karoora bara kanaa haala guutuu ta'een hojiirra oolchuuf hojjetaan hundi karoora dhuunfaa isaa baafatee ittiin hojjechuu qaba jedhan. Itti dabaluunis Waaqaa gaditti manni murtii iddoo haqni itti abbaa haqaatiif galu waan ta'eef, ragaa sobaa ittisuu irratti hojjechuun, dhimmi naamusaa fi gaarummaa bulchiinsa keessoo mana murtii fooyyessuu xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamuu qabas jedhan.
Waltajjii marii kana irratti Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa fi Pirezidaantonni Manneen Murtii Aanaalee akkasumas gareen Karooraa kan hirmaatan yoo ta'u, dhumarratti sirni mallattoo fi wal harkaa fuudhinsa karoora BIX kan bara 2018 taasifamuun waltajjiin xumurameera.

...

Leenjin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu kennamaa jira.

‎Fulbaana 19/2018
‎Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar Pirezidaantii Mannen Murtii Aanaa kutaa Magaala Shaggar fi Abbootii Seeraaf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsu dhimma Moosaajii Shaggar E-court System Irratti guyyaa lamaaf turu kennama jira.
‎Haasaa Baninsaa kan taasisan Pirezidaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Kumalaa Buusaa Leenjin kun kan kennameef Manni Murtii keenya bara kana guutummaatti gara waraqaa maleessatti jijjiiruf karoorfamee hojiitti seenee jiru hubatanii leenjii kana sirnaan hordofuu akka qabdan jedhaniiru.
‎Leenjin kun guyyaa lamaaf itti fufee kennama.

...

Leenjin ogeessa TQO fi Ofiisera Seeraaf kenname

 
‎Fulbaana 16/2018
‎Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuu dhimmaa ittii fayyadama Shaggar E-court System Irratti guyyaa lamaaf Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggaritti Ofiisera Seeraa MMO Magaala Shaggar, Ofiisera Seeraa Mana Murtii Aanaalee kutaa Magaalaa Shaggar Fi Ogeessaa TQOf kennamaa ture.
‎Haasaa Baninsaa kan taasisan Perezedaantii Mana Murtii Ol'aanaa Magaala Shaggar Kabajamoo Obbo Kumalaa Buusaa fi IA Perezedaantii Aadde Najaat Mahaammad leenjin kun kan kennameef itti gafaatamummaa mirkaneessuf waan ta'eef leenjitoonni sirnaan leenjii kana hordoftanii Uummata keenya tajaajiluu akka qabdan, akkasumas karoora Manneen Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar bara 2018tti guutumaatti Karaa waraqaa maleessatti jijjiiruf karoorfame hojiitti seenee jiru akka milkeessitaniif leenjin kenname jedhaniru.
‎Yaadni fi gaaffii bal'aan hirmaattota leenjii irraa ka'uun dhuma Irratti kallattiin kaa'amee leenjiin xumuramee jira.

...

Manni Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar Madda Muuxannoo ta'ee jira

Fulbaana 15 bara 2018
Ogeeyyiin TQO Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Sidaamaa irraa dhufan Mana Murtii Ol'aanaatti argamuun muuxannoo qooddatanii jiru.
Haaluma kanaan akka Mana Murtii Magaalaa Shaggaritti teeknoolojii haaraa "Shaggar e-Court System" sadarkaa Manneen Murtii lamaanittuu hojiitti galamee jiru irratti hubannoo karaa ogeessa TQO Mana Murtii keenyaatiin kennameefii jira.