illi Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Kabajamoo Dr. Otukkannaa Odaatiin durfamu kenna tajaajila abbaa seerummaa fi sochii hojii waliigalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar daawwatan.
Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Kabajamoo Dr. Otukkannaa Odaatiin durfamu kenna tajaajila abbaa seerummaa fi sochii hojii waliigalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar daawwatan.
===//===
Manneen murtii magaalaa Shaggar tajaajila abbaa seerummaa teekinoloojii yeroon gaafatuun deeggaramee kennamuun akkasumas qaamolee bulchiinsaa waliin qindoominaan hojjechuudhaan milkaa’ina argame kan galateeffachiisu ta’uu ibsuudhaan, tajaajilli abbaa seerummaa teekinoloojiin deeggaramee kennamu kun itti quufinsa hawaasa magaalaa shaggar manneen murtii irraa tajaajila argatuun mirkanaa’uu qaba jedhan.
I/A/Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromoyaa Kabajamoo obbo Taaddasaa Qana'aa haasaa taasisaniin kenni tajaajila abbaa seerummaa fi hojiileen bulchiinsaa Manneen Murtii Magaalaa Shaggar karaa dijitaalaan kennamaa jiru Manneen Murtii gara e-court tti ceesisuun akka danda'amu kan namatti agarsiisu ta'uu ibsuudhaan, qindoominni jiru akka itti fufuu qabu dhaamanii jiru
Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Kumalaa Buusaa fi I/A/Pirezidaantii kab/Aadde Najaat Mahaammad hooggansi haaraan mana murtii waliigalaa Oromiyaa fi Abbootiin Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhufanii sochii hojii manneen murtii magaalaa Shaggar keessa jiru ilaaluu fi kallattii hojii kennaniif galateeffatanii jiru.
Onkololeessa 04/2019
Shaggar, Finfinnee
Muxanno fi Daawwannaa hojii
Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa kab/Obbo Toofiq Shamsuu tiin durfamu fi Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Bunnoo Baddallee kab/obbo Waaqtolaa Yaadataa tiin durfamu hojiilee dijitaalaayizeeshinii manneen Murtii Magaalaa Shaggaritti hojjetamaa jiru daawwatan.
==//==
Manneen Murtii Godina Jimmaa fi Bunnoo Baddallee kenna tajaajila abbaa seerummaa fi hojiilee bulchiinsaa biroo guutummaatti dijitaala taasisuun tajaajila manneen murtii Magaalaa Shaggar sadarkaa manneen Murtii Aanaalee kutaa magaalaa fi Mana Murtii Olaanaa tti tajaajila qulqullina qabu, si'ataa fi dhaqqabamaa kennamaa jiru daawwatanii jiru.
Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar kab/obbo Kumalaa Buusaa fi I/A/Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar kab/Aadde Najaat Mahaammad keessummoota Manneen Murtii Godina Jimmaa fi Bunnoo Baddallee irraa Muuxannoo qooddachuuf dhufan simachuudhaan haasaa taasisaniin, Manneen Murtii Magaalaa Shaggar hojiileen muuxannoo ta'u jira jedhanii Shaggar filatanii dhufuu isaaniitiif akkasumas yaadaa fi beekamtii hojiilee manneen murtii keenyaaf kennitaniif galatoomaa jedhanii, sochiilee hojii manneen murtichaa daawwachiisuun ibsa bal'aas laatanii jiru.
Dhumarrattis pirezidaantoleen Manneen Murtii lamaan muuxannoo qooddachuuf dhufan muuxannoo Manneen Murtii Magaalaa Shaggar irraa argame gara godina isaaniitti deebi'anii hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta'uu kaasuudhaan, simannaa fi keessummeessa manneen murtii Magaalaa Shaggar taasiseef ilaalchisee kennaa galataa fi beekamtii kennanii jiru.
Komunikeeshinii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar
Fulbaana 12/2019

Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Baalee Obbo Muhaammadxayyib Nuureetiin durfamu Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggaritti argamuun muuxannoo qooddateera.
Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Baalee Obbo Muhaammadxayyib Nuureetiin durfamu Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggaritti argamuun muuxannoo qooddateera.
==//==
Jilli Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Baalee Obbo Muhaammadxayyib Nuureetiin durfamu Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggaritti argamuudhaan muuxannoo qooddatanii jiru.
Fulbaana 8/2029
Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Kumalaa Buusaa keessummootaaf ergaa baga nagaan dhuftanii fi muuxannoo qoodan keessatti, tajaajila abbaa seerummaa qofa osoo hin taane hojiilee manneen Murtii gama hundaan waraqaa maleessa taasisuun tajaajila si’ataa fi dhaqqabamaa ta’e tajaajila yeroon gaafatu kennuun leeccalloo qofa osoo hin taane kutannoo kan barbaadu ta’uu kaasuudhaan, manneen murtii biroofillee muuxannoo qooduu fi deeggarsa barbaachisu taasisuu kan itti fufan ta’uu ibsanii, Manneen Murtii Godina Baalee, Magaalaa Shaggaritti argamanii muuxannoo qooddachuuf nu filachuu keessaniif galatoomaa jedhanii jiru.
Jilli Mana Murtii Olaanaa Godina Baalee irraa dhufanis, sochiilee hojii mana murtii Magaalaa Shaggar keessatti hojjetamaa jiru daawwatanitti gammaduu isaanii ibsuudhaan muuxannoo argata gara godina isaaniitti deebi’anii hojiirra oolchuuf kan hojjetan ta’uu ibsuudhaan, ibsa bal’aa kennamee fi muuxannoo argataniif galateeffatanii jiru.
Dhumarrattis, Pirezidaantiin Mana Murtii Ol'aanaa Godina Baalee kab/obbo Muhaammadxayyib Nuureetiin, Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar Kab/Obbo Kumalaa Buusaatiif kennaa jaalalaa kennanii jiru.
Daawwannaa Hojii fi Muuxannoo qooduu
Daawwannaa Hojii
Daawwannaa Hojii Hooggantootni olaanoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaafi Magaalaa Hawaasaa Magaalaa Shaggaritti argamuun daawwannaa hojii taasisaniiru; kana malees, muuxannoo Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar irraa qoodataniiru.
Hooggantootni olaanoo kun erga simannaan godhameefii booda, hojilee Mana Murtii Magaalaa Shaggar hojjetaman daawwataniiru. Daawwannaa kana irratti, Mana Murtii Magaalaa Shaggar akka biyya keenyaatti isa jalqaba ta'ee tajaajila abbaa seerummmaa gara waraqaa mallesatti (paperless) jijjiiruun sirna Shaggar E-Court hojiirra oolche daawwataniiru. Dabalataanis, mijaa'inna Mana hojichaa kan ta'an Smart Court, Smart Bench, Call Center, Data Center, fi Situation Room daawwataniiru.