Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Shaggar
Shaggar City High Court
የሸገር ከተማ ፍርድቤት
📞 Call: 8794

Odeeffannoolee Haaraa

Presidaantota Mana Murtichaa

Obbo Kumalaa Buusaa Fedhasaa

Prezidaantii

Kabajamtoota Uummata naannoo keenyaa, qaamolee haqaa  fi qooda fudhattoota hundaaf,

Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar, angoo seera hiikuu heeraan kennameef bu’uureffachuun tajaajila abbaa seerummaa seera irratti hundaa’e kennaa kan ture yoo ta’u, tajaajila abbaa seerummaa abbaan dhimmaa qaamaan mana murtiitti dhiyaatee tajaajilamaa ture kanas daran dhaqqabamaa fi si’ataa taasisuuf rifoormiiwwan Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin diriire moosaajii Court Automation System (CAS) fayyadamuudhaan galmeen ol iyyannoo mana murtii sadarkaa jalqabaatiin murtii kenne irraa gareen komii qabu karaa sirna electronic filing(e-filing) tiin mana murtii dhimma isaa jalqaba ilaalee murtii kenne irraa komii ol iyyannoo mana murtii ol iyyata dhagahu biratti dhiyeeffatee qaamaan mana murtii osoo hin dhiyaatiin karaa Viidiyoo Konfiraansiitiin tajaajilli kennamaa turee jira.

Bara kana immoo manni murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar moosaajii Shagar e-court system jedhamu dhaabbata CYBER Software jedhamu waliin ta’uudhaan moosaajii nageenyummaan isaa dhaabbata Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (Information Network Security Agency (INSA)dhaan mirkanaa’e misoomsuudhaan tajaajila abbaa seerummaa Manneen murtii Magaalaa Shaggar sadarkaa lamaanittuu kennamu guutummaatti Sirna falmii elektiroonikaatti ceesisuun hojii keessa galee jira. Moosaajii shagar E-court jedhamu kun abbaan dhimmaa, Abukaattonni dhuunfaa fi qaamoleen haqaa biroo dhimma isaanii mana murtiitti yoo dhiyeeffatan karaa Poortaalii fayyadamuudhaan Mana isaanii yookiin Waajira dhuunfaa isaanii taa’anii iyyannoo, himannaa, deebii, waliigalatti tajaajila abbaa seerummaa barbaadan hunda karaa moosaajii shager e-court tiin ergatanii, kaffaltiiwwan tajaajila abbaa seerummaa  karaa Tele birr moosaajicha waliin wal qabatee jiruutiin raawwachuudhaan bakkuma jiran taa’anii tajaajila abbaa seerummaa guutuu argachuu kan isaan dandeessisu yoo ta’u, moosaajiin kun baasii fi dhamaatii abbaa dhimmaa kan xiqqeessu qofaa osoo hin taane, dhaqqabamummaa fi si’aayina akkasumas iftoominaa fi itti gaafatamummaa kenninsa tajaajila abbaa seerummaa daran akka dabalu taasisee jira.

Manni murtii olaanaa magaalaa shaggar yeroo ammaa kana immoo Marsariitii (website) mataa isaa banatee kan jiru yoo ta’u, odeeffannoowwanii fi kenna tajaajila abbaa seerummaa manneen murtichaa haala dhaqqabamaa fi si’ataa ta’een kennuuf daran hawaasatti dhiyaachuusaa yoon ibsu gammachuu guddaadhaani.

Manneen murtii keenya imaanaa uummataa fi heera mootummaatiin tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu fi si’ataa kan seera qofa irratti hundaa’e kennuuf dirqama isaanitti kenname bahachuuf yoomiyyuu caalaa ciminaan hojjechaa kan jiran yoo ta’u, weebsaayitiin kun banamuun hawaasni keenya dhimma isaanii haala salphaa fi eessattuu dhaqqabamaa ta’een hordofachuu fi odeeffannoo wayitaawaa argachuuf kan tajaajilu waan ta’eef akka dhimma itti bahan jechaa, qaamolee fi qooda fudhattoota hojiin kun akka milkaa’u taasisan hunda galatoomaa jechuu barnaanna.

Haqaaf, haqaan hojjenna !

 

Kumalaa Buusaa Fedhasaa

Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar

Onkololeessa bara 2018

Ethiopian Calendar Converter

July 2025

SunMonTueWedThuFriSat
12345
6789101112
13141516171819
20212223242526
2728293031

Mudde 2018

WiixataKipxataRoobiiKamisaJimaataSambataDilbata
12345
6789101112
13141516171819
20212223242526
27282930

Tajaajiloota keenya/Our Provided Services

📄
E-Filing

E-Faayilingiin abbaan dhimma ol'iyyaata isaa gara Mana Murtii barbaaduutti karaa elektrooniksii (online) dhaan ergu kan isa danddesiisu dha.

Submit your case documents and follow the process online using our secure e-filing portal.

🌐
Tajaajila Hikkaa Afaani

Tajaajila hiika afaanii ni kennina..

We provide translation services.

📱
Bilbila Tolaa 8794

Tajaajila bilbila tolaa fayyadamuun Abbaan Dhimmaa galmeen isaa maal irra akka jiru kan itti hordoofatu dha..

Using a toll-free telephone service, the Client can keep track of the status of his/her Case..

🛡️
Tajaajila Ab

Tajaajila gorsa seeraa fi abukaattoo ittisaa.

Legal consultation and defense lawyer service.

🏠
Land & Asset

Consultancy for land registration, asset valuation and portfolio management.

Professional guidance on land registration, asset management, and investment portfolios.

🗣️
Additional Language Service

Additional language and cultural interpretation offerings for specialized matters.

Specialized language interpretation services for complex legal and official cases.

Pirezidaantota Mana Murtii Magaalaa Shaggar

Pirezidaantota Mana Murtii Magaalaa Shaggar Duraanii

Obbo Bojaa Taaddasaa Kaasahuun
Obbo Bojaa Taaddasaa Kaasahuun
01.05.2002–30.03.2005
Obbo Dhugumaa Nadhaa Araddaa
Obbo Dhugumaa Nadhaa Araddaa
01.04.2005–30.06.2009
Obbo Mul’isaa Ejjetaa Walannee
Obbo Mul’isaa Ejjetaa Walannee
01.07.2009–30.12.2010
Obbo Oliyyaad Siyyum Ayyaanaa
Obbo Oliyyaad Siyyum Ayyaanaa
01.01.2011–12.06.2013